Fana: At a Speed of Life!

Naannawaa daldala walabaa Dirre dhawaa dhugoomsuuf bu’uuraaleen misoomaa mijatoon jiraachuun eerame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Naannawaa daldalaa walabaa Dirree Dhawaatti hundaa’uu, yeroo qabameef keessatti dhugoomsuuf bu’uuraalee misoomaa mijatoon jiraachuun eerame.

Parkii indaastirii fi buufata meeshaalee goggogaa Dirree Dhawaa qindeessuun naannawaa daldala walabaa ilaalchisuun qajeelfamoota seeraa fi bu’uuraalee misoomaarratti mari’atameera.

Ministira Ministeeraa Geejibaa Aadde Daagimaawit Mogosiin dabalatee Kantiibaa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, miseensota Mana Maree Loojistiksii Biyyaalessaa fi qondaaltonni hojii federaalaa biroon argamaniiru.

Dirree Dhawaatti naannawaa daldala walabaa hundaa’u dhugoomsuuf haalota mijataoo jiran, imaammataa fi qajeelfamoota seeraa akkasumas, bu’uuraalee misoomaarratti gareen qorannoo gaggeesse bu’aa qorannoo isaa dhiyeesseera.

Qindeessan Waajjira Mana Maree Loojistiksii Biyyaalessaa Obbo Iwunatuu Taayyee akka jedhanitti, naannawaa daldala walabaa, bakka meeshaaleen buufaman, irra deebiin gara biyya alaatti ergaman yookaan paarkiiwwan indaastiriif galteen akka dhihaatan kan taasisu paarkii daldala walabaa fi zoonii qindeessaa alergee mijataa ta’uu himaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa daangaa ce’aa fi biyya keessaa kan qabuu naannawaa walitti hidhamiinsi umameef ta’uun, misoomsitoonni naannawaa daldala walabaa Dirree Dhawaa seenaanii fi abbootii qabeenyaaf onnachiistuuwwan kennaman irrattis ibsi kennameera.

Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaas naannawaa daldala walabaa kanaaf bu’uuraalee misoomaa barbaachisan qophii taasisuuf kan hojjetu ta’uun Kantiibaan Magaalichaa Obboo Kadiir Juhaar ibsaniiru.

Bu’uuraalee misooma gahaa waan qabduuf yeroo gababaa keessatti naannawaa daldala walabaa ijaaruuf dhimmoonni bu’uuraa jiraachuun eerameera.

Galteewwan barbaachisan guutuun naannawaa daldala walabaa babal’isuuf gahee gama isaanii akka bahatanis mirkaneessaniiru.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.