Fana: At a Speed of Life!

Naannawa qilleensaa Hidha Haaromsaa Guddicha balaliinsi dhorkamuu Abbaan Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Ityoophiyaa beeksise

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Naannawa qilleensaa Hidha Haaromsaa Guddicha balaliinsi dhorkamuu Abbaan Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Ityoophiyaa beeksise.

 

Daayreektarri Olaanaa Siivil Aviyeeshinii Ityoophiyaa, Koloneel Wasaniyelleh Hunenyaaw akka himaniitti, haaluma marii qaamoolee nageenyaa waliin taasiifameen, naannawaan qilleensaa Naannoo Beenshaangul Gumuz keessaa fi bakka Hidhi Haaromsaa Guddichii itti ijaaraamaa jiruutti maxxanee argamuu balaliinsa hundaafuu cufaa ta’uu himaniiru.

 

Akka ragaan Ministeera Geejjibaa Ityoophiyaarraa argame muldhisutti, Xiyyaarrii imaltootaa ta’e kan meeshaa fe’u kamiyyuu karaa Hidhaa haaromsaa sanarra balali’uun dhorkaadha, garuu ammoo yoo gaafatame hayyamni ni kennama jedheniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.