Fana: At a Speed of Life!

Naajeeriyaan warshaa xaa’oo Afrikaarraa guddaa ta’e hojii eegalchiiste

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Naajeeriyaan warshaa xaa’oo Afrikaarraa guddaa ta’e hojii eegalchiisuu gabaafame.

Biyyattiin warshaa xaa’oo Afrikaarraa guddaa ta’ee  Doolaara biiliyoona 2.5 ijaarsisuun hojii eegalchiisuu gabaafameera.

Qaala’iinsa jireenyaa sababa waraana Raashiyaa fi Yuukreeniin hawaasni idil addunyaa dhiibbaa jalatti akka hin kufneef Naayjeeriyaan gama dhiyeessii xaa’ootiin ga’ee ishee kan ba’attu ta’uu Preezdaantiin biyyattii Muhaammad Buhaariin ibsaniiru.

Warshaan xaa’oo Daangootee ijaarame kun wayita tajaajila eegalu biyyattiif galii guddaa kan argamsiisu ta’uu ibsaniiru.

Warshichi waggaatti xaa’oo meetrik toonii miiliyoona 3 oomishuu kan danda’u ta’uu kaasaniiru.

Bulchaan Baankii Giddugala Naayjeeriyaa Goodwiin Imfiileen gamasaaniin warshichi  banamuun rakkoo dhiyeessii xaa’oo biyyattii kan furu ta’uu eeruu isaanii Afrikaa Niwus gabaaseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.