Fana: At a Speed of Life!

Muuziyeemiin magaalaaFinfinnee daawwattootaf banaa ta’e

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Sababa weerara vaayrasii koroonaan cufamee kan ture Muuziyeemiin Magaalaa Finfinnee daawwattootaaf banaa ta’uu Biiroon Aadaa,Turiizimii fi Aartii Magaalaa Finfinnee beeksise.
 
Biiroon Aadaa,Turiizimii fi Aartii Magaalaa Finfinnee fi Turiizim Itiyoophiyaan waliin ta’uun biifaa keemikaalaa erga gaggeesanii Muuziyeemichi daawwattootaaf banaa ta’uu ibsameera.
 
Muuziyeemnii biyyaalessaas torbe dhufu daawwattootaf banaa ni taasifama jedhame.
 
Kana dura iddooleen seenaa qabeessi Aksuumitti argaman, Muuziyeemniin harar, dhagaan dhaabbii Xiyyaa, paakiin biyyaalessaa, paarkiin tokkummaa, fi iddooleen garaagaraa daawwattoof banaa taasifamuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.