Fana: At a Speed of Life!

Muuxannoon Piroojektoota misooma manneenirratti argame babal’achuu qaba jedhame

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) – Muuxannoon Piroojektoota misooma manneenii qulqullinaa fi saffisaa xumuruurratti mul’ate argame babal’achuu qaba jedhameera.
Gareen Suuppar Viizhiinii dhaabbilee federaalaa Ministeera Pilaanii fi Misoomaan durfamu sosochii Piroojektoota misooma manneen sadarkaa garaagaraa daawwateera.
Muuxannoon Korporeeshinii misooma Manneen Federaalaan gama kanaan argame bakka hundatti babal’achuu akka qabu ibsameera.
Dhaabbaticha rakkoo keessaa baasuun dorgomaa fi bu’aa qabeessa taasiisuun danda’amuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii misooma Manneen Federaalaa Rashaad Kamaal himaniiru.
Riifoormii gaggeeffameen gurmaa’insa cimaa, humna namaa dorgomaa ta’e horachuu fi hojmaata teeknooloojiin deeggarame diriirsuun dandeettii dhaabbatichaa cimsuun danda’amuu eeraniiru.
Ijaarsa manneenii waggoottaan 28’f adda citee ture eegalchiisurra darbee qulqullina, yeroo fi gatii ijaarsaa fooyyeessuun danda’amuu dubbataniiru.
Koorporeeshinichi sirna qabiinsa ragaa, Piroojektota qulqullinaa fi saffisaan xumuruu jalqabe cimsee itti fufuu akka qabu Ministir Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Namarraa Gabayyahu eeraniiru.
Hojiileen korporeeshinichi hojjetaa jiru kan muuxannoon irraa fudhatamu ta’uu himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.