Fana: At a Speed of Life!

Muuxannoo miidiyaalee jijiiiruun hojmaata haaraa beeksisuu keessatti hubannoon namtolee gahee olaanaa qaba-Dooktar Warquu Gaachanaa

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC)- Muuxannoo miidiyaalee jijjiiruun hojmaata haaraa gama beeksisuun hubannoon namtolee gahee olaanaa qaba jedhan Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Itiyoophiyaa Dooktar Warquu Gaachanaan.

Inistiitiyuutichi ogeeyyii fi hoggantoota dhaabbilee miidiyaaf hubannoo namtolchee fi itti fayyadama isaarratti waltajjii hubannoo gaggeessera.

Dooktar Warquu Gaachaanaan, teeknoolojichi adeemsa hojii dhaabbilee karaalee ammayyeessuu danda’urratti muuxannoo biyya keessaa fi idil addunyaarratti ibsa taasisaniiru.

Muuxannoowwan miidiyaalee jijjiiruu fi hojmaata haaraa gama beeksisuun teeknooloojiin hubannoo namtolchee gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Waltajjicharratti Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet Obbo Admaasuu Daamxoo yaada kennaniin, teeknooloojichi carraalee olaanaa qabatee dhufuu hubachuu kaasaniiru.

Hojiilee guyyuu keessatti hubannoo namtolchee fayyadamuurra darbee ummataatti beeksisuuf hojmane miidiyaaleerraa eegamuudhas jedhan.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa Obbo Masaafinti Tafarraa gama isaaniin, teeknooloojichi qabiyyee uumuurraa hanga tamsaasaatti tumsa akka taasisuu ibsan.

Muuxannoo kanas dhaabbilee miidiyaatti hojiirra oolchuun barbaachisa ta’uu ksaasniiru.

Hanqina kuusaa daataa dhaabbilee miidiyaatti mul’atu hambisuufis inistitiyuutichii fi dhaabbileen miidiyaa walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka qaban kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.