Muuxannoo ittisa daddabarsa namoota seeraan alaa waljijjiiruuf mariin gaggeeffameera
Finfinnee,Mudde 9, 2017 (FMC) – Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel Ministeera Nageenya Biyya keessaa Xaaliyaanitti Gorsaa hariiroo idil addunyaa Ifoomiyaa Espoosiitoo waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota Oppireeshinii Ittisa Daddabarsa namoota seeraan alaa, to’annoo daangaa, deeggarsa meeshaalee, qorannoo Fooransikii fi kanneen biroorratti Interneetiin marii muuxannoo waljijjiiruuf dandeessisu taasisuu ibsameera.
Bara Faranjootaa 2025 Baatii Bitootessaa eegalee Hoggantootaa fi miseensota Poolisiif carraa barnootaa fi leenjii ga’umsa dandeettii Xaaliyaanitti kennuuf waliigaltee mallatteessuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia