Fana: At a Speed of Life!

Muummen Ministira Dooktar Abiy Ahimad proojakti Inxooxxoo daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 5, 2012 (FBC) – Muummen Ministira Dooktar Abiy Ahimad proojakti Inxooxxoo daawwatan.

Muummen Ministira Dooktar Abiy Ahimad proojakti Inxooxxoo wayita daawwatan hedduu akka dinqisiifatan fuula feesbuukii isaanirratti ibsaniiru.

Magaalonni keenya qabeenya ofkeessaa qabu jedhaniiru.

Proojaktoonni kunneen wayita xumuraman ammoo damee turizimitiin carraan hojii bal’aa akka uuman ibsaniiru.

Qabeenya hanga ammaa hojii irra hin oolle guddina dinagdee fi hawaasummaa irra oolchuf na waliin akka hojjattan jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Badhaadhinni Itiyophiyaa dhugaa hin oolledha jechuun himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.