Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Jaappaan Shiinzoo Abbeen aangoo gadi dhiisuufi jedhame

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa Jaappaan rakkoo fayyaa isaan qunnameen aangoo gadi dhiisuuf akka jedhan dubbatame.
 
Shiinzoo Abbeen hojii mootummaa isaaniitti gufuu ta’uurra aangoo gadi dhiisuu filachuu isaanii maddeen oduu biyyattii gabaasaniiru.
 
Haalli Fayyaa Muummeen Minitiraachaa yeroo gara yerootti yaaddeessaa ta’aa dhufuu himameera.
 
Aangoon isaanii bara Faranjootaa 2021 kan xumuramu Abbeen, yeroo dheeraaf Muummee Ministiraa ta’uun biyyattii tajaajilaniiru.
 
Shiinzoo Abbeen aangoo gadi dhiisuuf xaalayaa galfatan taanaan paartiin isaanii filannoo gaggeessuun bakka isaanii buusa jedhameera.
 
Yoo kun ta’e Muummeen Ministiraa haaraan baatii Onkololeessaa bara Faranjootaa 2021 gara aangootti dhufan jedhuudha.
 
Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.