Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hoggantoota biyyoota miseensa gamtaa Afrikaa galateeffatan
Finfinnee, Amajjii 8 , 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hoggantoota biyyoota miseensa gamtaa Afrikaa Yaa’iin gamtichaa Finfinneetti akka gaggeeffamuu walii galuu isaanii maqaa ummata Ityoophiyaan galateeffataniiru.
Yeroon kun yeroo obbolummaan Afrikaa yeroo kamiiyyuu caalaa itti barbaachisuudha jedhan ergaa isaaniin.
Hoggantoonni biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa yaa’iin hoggantootaa kun Finfinneetti akka gaggeeffamu walii galuu isaaniif maqaa Ummata Ityoophiyaan galata koon dhiyeessa jedhan.
Ityoophiyaan dhimma Afrikaarraatti akka ajandaa jalqabaa malee akka ajandaa lammaffaatti ilaaltee akka hin beekne ibsuun barbaada jechuun dubbataniiru.
Ejjennoon bilisummaa Afrikaaf qabdus guyyaa tokko jijjiirramee hin beeku, iddoon Paan Afrikaanizimiif qabdus olaanaa ta’uu eeraniiru.
Duris ta’e har’as Ityoophiyaan Ityoophiyaadhuma jechuun ibsaniiru.
Dhimma Afrikaarratti ejjennoo dhaabbii qabdi jedhan.
Ejjennoo ishee kana akkuma hoggantoonni biyyoota Afrikaa duraanii hubatan, hoggantoonni yeroo ammaas hubachuun tumsa isaanii agarsiisuun yaa’iin gamtichaa Finfinneetti akka gaggeeffame murtoo dabarsan Ityoophiyaan ni dinqisiiffatti jechuun himaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.