Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa duraanii Jaappaan rasaasaan rukutamanii hospitaala galan

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) –Muummeen Ministiraa Duraanii Jaappaan Shinzoo Abbee rasaasaan rukkutamanii hospitaala galan.

Abbeen, Magaalaa Naaraa jedhamtutti duula na filadhaa kaadhimaamaa tokkoorratti haasawa wayita taasisaa jiranitti ture duuba isaaniin rasaasaan kan rukutaman.

Ijaan argitoonni akka jedhanitti Shiinzoo Abbee duubaa isaaniin akkuma rukutamanii kufuu fi dhiigni isaanii dhangala’aa akka ture dubbataniiru.

Hatattamaan gara hospitaalaatti kan geeffaman yoo ta’u, yeroo ammaa hordoffiin wal’aansaa cimaan taasifamaafii jiraachuu eerameera.

Haleellicha geessissuun namni shakkame meeshaa waraanaa qabate waliin yeroosuma to’annoo Poolisii jala ooleera.

Kan umriin waggaa 67 Shiinzoo Abbee, Jaappaaniin waggootaa hedduuf Muummee Ministirummaan gaggeessaniiru.

Sababa rakkoo fayyaan bara Faranjootaa 2020 aangoo isaaniirraa fedhiidhaan gadi lakkisuu BBC’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.