Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad aanaa addaa Koontaatti ijaarsa Hoospitaala Koontaaf dhagaa bu’uuraa kaa’an

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2013 (FBC) -Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad aanaa addaa Koontaatti ijaarsa Hoospitaala Koontaaf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.
Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy akka ibsanitti karoora ‘maaddi biyyaaf’ keessaa qaama tokkodha.
Sirnicharratti Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa mokonnin, Ministira Fayyaa dooktar Liyaa Taaddasaa dabalatee aanga’oonni naannichaa fi federaalaa argamaniiru.
Dooktar Abiy ijaarsi isaa Baatii lama keessatti xumuramuun meeshaaleen yaalaa ammayyaa’aa akka guutaman eeraniiru.
Hoospitaalichi, Jiraattoonni naannichaa fi daawwattoonni tajaajila yaalaa akka argataniif kan dandeesisu ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.