Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Chaad Albart Paahiimii Paadaakeen Finfinnee galan

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Afrikaa Yaa’ii Afrikaa 35ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galuu isaanii itti fufaniiru.
Haaluma kanaan Muummeen Ministiraa Chaad Albart Paahiimiin Paadaakeen Finfinnee galaniiru.
Albart Paahiimiin Paadaakeen wayita Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an Ministira Ministeera Jallisii fi Misooma naannolee Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad, Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi hoggantoota mootummaa biroon simatamaniiru.
Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.