Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad goota jaarraa kanaati-Jiraattoota Magaalaa Bishooftuu
Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC)- Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad goota jaarraa kanaati jechuun jiraattoonni Magaalaa Bishooftuu yaadaa isaanii laataniiru.
Jiraattoonni magaalichaa gootummaa MM Abiy Ahimad irra baranneen waraana alaa fi keessaa nutti baname tokkummaan injifachuuf gahee keenya ni baana jedhaniiru.
Yeroo ammaa MM Abiy Ahimad adda isaanii waraanaaf kennuun dirree waraanaa deemuun kallattii kennuun injifannoon argamaa jiru ummata biyyattii fi naannoo Oromiyaa kan gammachiisee fi boonse ta’uu dubbataniiru.
Jaalala biyyaa jechuun biyya diigumsarraa baraaruuf of kennuu akka ta’e irraa kan baratamuudha jedhan.
Dhaloonni kunis duudhaa Muummicha Ministeera cimsachuun gara daandii badhaadhinaatti cee’uf kan nurraa eegamu hunda bahachuuf qophiidha jedhaniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa fi qaamoleen nageenyaa hundi hoggantummaa muummicha ministeeraatin hamilee waan horataniif diinni lammata biyya keenya weeraruuf akka hin yaanne kan taasise ta’uu ibsuun, duulli dirree waraanaas ta’ee misoomarratti taasifamaa jiru Ityoophiyaanoonni tokko yoo ta’an diinota isaaniif kan hin jilbeenfanne ta’uu agarsiisa jedhan.
Biyyi yoo jiraatte dhaloonni itti fufuu danda’a waan ta’eef biyya kabajamtuu fi sodaatamtuu dhaloota dhufuuf dhaalchisuuf qooda keenya ni baanaas jechuun ibsuusaanii ragaan BDHKMNO irraa argamee ni muul’dhisa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.