Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad gara addaatti duuluun uummata injifannoof kakaaseera- hoggantoota naannoo Affaar

Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duuluun uummata Affaar  injifannoo caalmaaf  kakaasuu  hoggantoonni naannoo Affaar ibsaniiru.

Gara adda waraanaatti duuluun Muummee Ministiraa Abiy Ahimad uummata Affaar humna weeraraa ABUT irratti injifannoo galmeessuuf daran kakaasuu Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii naannoo Affaar obbo Ahimad Nuursaaliin ibsaniiru.

Murtoon Muummee Ministiraa Abiy Ahimad hoggantootaa fi namoota bebbeekamoo naannichaaf kaka’umsa olaanaa uumuu kaasaniiru.

Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Invastimantii naannoo Affaar obbo Mahaammad Ahimad gamasaaniin, Murtoon Muummee Ministiraa Abiy Ahimad biyyasaanii fi uummatasaaniif hogganaa sirrii ta’uusaanii kan ittiin mirkaneessan ta’uu kaasaniiru.

Garee shororkeessaa ABUT yeroo gabaabaa keessatti dhabamsiisuuf uummanni Ityoophiyaa hundi tokkummaan ka’uu akka qabu yaadachiisaniiru.

Maddi :- DhPI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.