Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad boru Paarlaamaaf ibsa kennu

Finfinnee, Sadaasa 5, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad guyyaa borii gaaffilee miseensota Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa ni kennuu.

Guyyaa borii manni marichaa walga’ii idilee 4ffaa, bara hojii 2ffaa akka gaggeessuu Daayrektoreetiin Komikeeshinii mana marichaa TOI’f ibseera.

Haaluma kanaan Manni Marichaa haasawaa Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen sirna baniinsaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Federeshiniirratti taasisan ilaalchisuun gaaffilee miseensonni mana marichaa dhiyeessanirratti Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsa ni kennuu jedhameera.

Manni marichaa walga’ii kanarratti ejjennoo mootummaa dhaggeeffachuun mooshiii deeggarsaa ni raggaasisaan eegama.

Walga’ichi Kibxata borii sa’aatii 02:30 eegalee kan gaggeefamu ta’uun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.