Fana: At a Speed of Life!

Muummee ministiraa fi preezdaantiin naannoo Oromiyaa qophii hojii biqiltuu daawwatan

Finfinnee, Eebila 16, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Oromiyaatti qophii hojii biqiltuu baranaa daawwatan.
 
Muummee minnistiraa Dooktar Abiyyii fi preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Soodareetti argamuudhan qophicha daawwataniiru.
 
Bara 2012 akka biyyaatti biqiltuu biliyoona 5 dhaabuuf karoorfamee, hojjetamaa jira.
 
Akka naannootti barana biqiltuu biiliyoona 4.6 dhaabatuuf qophiin xumurameera.
 
Biqiltuuwwan dhaabbiif qophaa’aa jiranis kan nyaataf oolan kan akka avokaadoo, maangoo fi kanneen birooti.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuun danda’amnaan walakkaa Waxabajjiitii eegalee hojiin dhaabbii kan eegalamu ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.
 
Dooktar Abiy Ahimadii fi obbo Shimallis ummanni vaayrasii koroonaarraa of eegaa, kan bara darbe caalaa barana biqiltuu dhaabuuf akka of qopheessu dhaamaniiru.
 
Bara darbe biqiltuu biiliyoonni 4 akka biyyaatti dhaabamuun ni yaadatama.
 
Barana dabalatee waggoottan arfan itti aananitti biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu EBCn gabaasera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.