Fana: At a Speed of Life!

Muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad jila Fandii Misoomaa Saawdii Arabiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 9, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad jila Fandii Misoomaa Saawdii Arabiyaa waliin mari’atan.

Dooktar Abiy jila fandichaa Dooktar Kaaliid S Alkuuderiin duurfamu har’a waajjira isaaniitti simatanii mariisisaniiru.

Hojiilee misoomaa fi invastimantii Ityoophiyaarratti mari’ataniiru.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy, Dooktar Kaaliid S Alkuuderii fi ministira Maallaqaa FDRI obbo Ahimad Shiidee waliigaltee liqaa Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 40 hojii daandii, qulqullinaa, dhiyeessii bishaaniif oolu walmallatteessisaniiru.

Dabalataan preezdaantiin ‘Akwaa Paawar Intarnaashinaal’ Paadaa Paadmaantanii fi hoji gaggeessaan Humna Elektiriikaa Ityoophiyaa Dooktar Abrahaam Balaay, waliigaltee anniisaa aduu naannoo Somaalee fi Afaaritti hojjetamuuf walmallatteessisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.