Fana: At a Speed of Life!

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hoggansa Kookaa Koollaa Kaampaanii waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hoggansa Kookaa Koollaa Kaampaanii waliin mari’atan.
 
Dooktar Abiy dura taa’aa Kookaa Koollaa Kaampaanii Jams Kwuunsii fi dhaabbatichatti hogganaa damee Afrikaa Jaakwiis Vermeewulan waliin mari’ataniiru.
 
Muummee ministiraa sochii invastimantii dhaabbatichaa dinqisiifataniiru.
 
Dhaabbatichi misooma magaalaa deeggaruurratti ga’ee qabu dinqisiifatanii, tumsicha cimsee akka itti fufu gaafataniiru.
 
Hoggantoonni dhaabbatichaa lamaan Ganna dhuftu sagantaa biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuu fi invastimantii jajjabaa hojiitti galchuuf waadaa galaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.