Fana: At a Speed of Life!

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gitasaanii Noorweey Eernaa Soolbarg waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gitasaanii Noorweey Eernaa Soolbarg waliin mari’atan.

Marichaanis dhimmoota hariiroo biyyoota isaanii cimsanirratti xiyyeeffataniiru.

Ijaarsa sirna demokraasii fi jijjiirrama eegalame cimsuurrattis yaada wal jijjiiraniiru.

Humna Galaanaa Ityoophiyaa cimsuu, hoggansa dubartootaa siyaasaa fi muuxannoon ga’oomsuu, cee’umsa beekumsaarratti waliin hojjechuu fi hojii magariisummaarratti wal tumsuuf waliigalaniiru.

Nagaa fi tasgabbii naannoo gaanfa Afrikaarrattis mari’ataniiru.

Preezdaantii paarlaamaa Noorweey Toon Tiroonii fi koree dhaabbii dhimma alaa fi ittisaa Aniikan Huuyitfiilin duurfamu waliinis mari’ataniiru.

Marichaanis jijjiirrama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa Ityoophiyaatti gaggeeffamaa jirurratti xiyyeeffataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.