Fana: At a Speed of Life!

Muudamni Ambaasaaddarootaaf laatame ogummaa fi ga’umsa isaaniirratti kan hundaa’edha-Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC)-Muudamni Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ambaasaaddaroota 27’f laatame ogummaa fi ga’umsa isaaniirratti kan hundaa’edha jechuun Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi haala waqtaawaa biyyarratti ibsa laataniiru.

Ibsachaanis muudamichi kan yeroo darbeen addatti qorannoon gaggeeffameera jedhan.

Jalqabarrattis muudamichi ogummaa fi ga’umsa namoota dhuunfarratti kan bu’uureeffatee fi jijjiirrama biyyaa fi biyoolessaarratti kan hundaa’eedha jedhaniiru.

Dabalataanis hojii fi hojjettoota walsimsisuun hojii dhimma alaatin waggoota dheeraa kan tajaajilaniidha jedhan.

Muuxannoo biyyoota biroo fudhachuunis namoonni dhuunfa ogummaa biroo keessaa gara muudamattis dhufuu kaasaniiru Ambaasaaddarichi.

Gama biraatinis biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa garagaraa waliin dhimmoota hawaassummaa fi siyaasaatin hojiiwwan dippiloomaasii garaagaraa hojjetamuus himaniiru.

Miniyichiil Azzazuutu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.