Fana: At a Speed of Life!

Murtoon mootummaa rakkicha waraanaan ala furuuf dhimmicha guutumaan guutuutti dirreee ABUT irratti akka kufu taasiiseera – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Mootummaan naannoo Tigraay hin seenu jechuun murteessuun isaa rakkicha waraanaan ala furuuf dhimmichi mootummaarraa guutumaan guutuutti dirreee ABUT irratti akka kufu taasiisuu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin ibsaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayitti tarkaanfii waraanaa garee Shororkeessaa ABUT irratti fudhatamu dhaabuuf murteessuu isaa ibsaniiru.
Murtoon kun waraanaan ala yaada furmaataa biroo laachuuf carraa kan bane ta’uu obbo Dammaqaan eeraniiru.
Murticha hedduun gammachuun kan fudhatan ta’uu isaa eeruun, yeroo ammaa himannaan guutuumaa guutuutti dirree ABUT irratti ta’uu himaniiru.
Yaa ta’iitii Ameerikaan faallaa adeemsa Ityoophiyaa dhaabbachuu ishee eeraniiru.
Ityoophiyaan hin bitamu jechuu isheen dhiibbaan mootummaa Ameerikaa jaabaachaa dhufuu kaasaniiru.
Sababa kanaan mootummaan Ameerikaa murtoo tokko tokko ariitiin dabarsuu isaatti daraan gaddineerra jedhan obbo Dammaqaan.
Duulli birmadummaa tokkummaa sabdaneessaa kaaba Ityoophiyaatti gaggeeffame tokkummaa Ityoophiyaanootaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa kan cimse ta’uu obbo Dammaqaan erga baga bara haaraa Faranjootaa 2022 geessanii dabarsaniin eeraniiru.
Wayita dhiibbaan baay’ateetti Ityoophiyaan michuuwwan hedduu horachuu kaasaniiru.
Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa fi guutuu addunyaa wayita duula birmadummaa cinaa dhaabbatan hunda ni galateeffatti jechuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.