Murtoo Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad fudhatan haamilee guddaa nutti horeera-Dooktar Alamuu Simee
Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC) –Mootummaa Naannoo Amaaraatti itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannichaa Obbo Girmaa Yeshiixilaa, angaawoonni Mootummaa naannichaa sadarkaan jiran murtii Paartiin Badhaadhinaa murteesse fudhachuun duula biyya baraaruu irratti hirmaachaa jiru jedhan.
Sadarkaa Ministiraatti qindeessaan Giddugala ijaarsa Sirna dimookraasii Dooktar Alamuu Simee, hoggantoonni Mootummaa addatti argamuun birmadummaa biyyaa eegsisuuf kutatanii hojjechaa jiru jedhan
Murtee Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad fudhatan haamilee guddaa nutti horeera jedhaniiru
Biyyaa fi Ummata isaaniif aarsaa kafaluuf murteessaniiru, kun ammoo nu keessatti kutannoo cimaa uumeera jedhan.
Garee shororkeessaa TPLF biyya diiguuf wixxifataa jiru yeroo gabaabaatti dhabamsiisuuf qabsoon Ummanni, Raayyaan Ittisa Biyyaa,qaamoleen nageenyaa fi hoggantoonni taasisaa jiran bu’aa olaanaa galmeessaa jira, kanaanis garichi karaa hundaan marfameera jedhan.
Gareen biyya diiguuf wixxifachaa jiru kun injifatameera kan jedhan Dr Alamuun, gareen kun deebi’ee holqa Tambeenitti akka hin deebinetti gatiisaa argachaa jiras jedhan.
Ityoophiyaan seenaashee keessatti biyya hin kolooneeffatamnedha, warri biyya diiguuf wixxifachaa jiran ni awwaalamu, Ityoophiyaan itti fufti jedhan.
Hoggantoonni Mootummaa murtee yaa’ii paartichaarratti darbeen adda waraanaatti argamuun wareegama barbaachisu kafalaa jirus jedhan.
Gareen shororkeessaa TPLF Shanee waliin ta’uun gocha biyya diiguu raawwachaa jiru, garee kaleessa qabsoon ofirraa ariine ofitti deebisuun of salphisuudha, humna biyya keessaa fi alaa diinota Ityoophiyaa waliin biyya diiguuf hojjechaa jiruu yeroo gabaabaatti dhabamsiisuun biyya tokkummaa fi birmadummaan ishee eegamee dhaloonni mataa olqabatanii keessa jiraatan dhaloota dhaalchisuu qabnas jedhan Dr.Alamuun.
Gareen kun biyyi inni hin bulchine akka diigamtu barbaada, kanaaf biyyoottan dhihaa fi kanneen diina Itiyoophiyaa wajjin Itiyoophiyaa harka micciiruun barbaadu,kun ammoo hin milkaa’uuf jedhan.
Gootichi Raayyaa ittisa biyyaa garicha barbadeessaa jira ,
Aarsaa qabsichi gaafatu hundaa kafaluun birmadummaa fi tokkummaa biyyaa eeguuf kaaneerra, Ummannis tokkummaan diina kana ofirraa qolachuuf tumsuu qaba jedhan.
Gareen kun kallattii hundaanuu marfameera, akka bofa mataan rukutameeti, hamma du’utti waan socho’uuf ummanni Itiyoophiyaa tokkummaa keenya cimsachuun awwaalcha isaa saffisiisuu qabna jedhan.
Akka Gabaasa OBNtti Ityoophiyaa Afrikaaf fakkeenya taate dhaloota dhaalchisuu qabnas jedhaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna