Fana: At a Speed of Life!

Murteen dhaabbilee lameen walitti makuu yaadama idaa’amuu bu’uureffachuun miidiyaa dorgomaa, ammayyaa’aa fi madaalawaa hundeessuuf kan kaayyeffatedha-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Sadaasa 26, 2017 (FBC)-Murteen Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetii fi Waaltaa Miidiyaa fi Kominikeeshin Koorporeet walitti makuu yaadama idaa’amuu bu’uureffachuun miidiyaa dorgomaa, ammayyaa’aa fi madaalawaa hundeessuuf kan kaayyeffateedha jedhan Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Giddugala Ijaarsa Qindeessa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah.

Sirna Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin beeksisuu fi labsuu gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Obbo Adam Faaraah haasawaa taasisaniin akka jedhanitti miidiyaan jireenya hawaasaan kan walitti hidhate, ijaarsa biyyaaf cimaaf gumaacha olaanaa kan qabuudha.

Gumaacha miidiyaan qabu kan tilmama keessa galchiluun Mootummaan xiyyeeffannaa kennuun guddina damee miidyaaf hojjechaa jiraachuu fi riifoormiiwwan garaagaraa gaggeessa jiraachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan seerota miidiyaa fooyyessuun bilisummaan miidiyaa fi fayyadamummaan lammiilee dagaaguu himan.

Kana keessatti dhaabbileen lameen walitti Makamuun fayyadamtoota ta’uu eeraniiru.

Dhaabbileen lameen itt gaafatamnii fi iftoominni mootummaa akkasumas hariiroon ummataa akka cimuuf gumaacha taasisuu yaadachiisaniiru.

Murteen dhaabbilee lameen walitti makuus yaadama idaa’amuu bu’uureffachuun miidiyaa dorgomaa, ammayyaa’aa fi madaalawaa hundeessuuf kan kaayyeffateedha jedhan.

Odeeffannoo amanamaa fi sirrii, dhaqqabamaa taasisuun hirmaannaa misooma, ijaarsa diimokiraasii fi nageenya lammiilee cimsuuf, seenessii biyyaalessaa bu’uuressuu fi waltajjiiwwan Addunyaarratti dhiibbaa uumtummaa Itiyoophiyaa guddisuuf hojjetamuu akka qabu akeekaniiru.

Mul’ataa fi karoora biyyaalessaa, badhaadhina hunda galeessaa milkeessuuf gumaacha akka taasisan dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.