Fana: At a Speed of Life!

Murannoon mootummaan nageenyaaf qabu Ityoophiyaatti aadaa siyaasaa haaraa uumuuf bu’uura kaa’a – Hayyoota

Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Murannoon mootummaan nageenyaaf qabu Ityoophiyaatti aadaa siyaasaa haaraa uumuuf bu’uura kan kaa’u ta’uu Hayyoonni Saayinsii Siyaasaa ibsan.

Garaagartee jiru marii fi karaa nagaan hiikuuf yaaluun rakkoolee diinagdee, Siyaasaa fi haasummaa furuuf qooda qabaachuu hayyoonni kunneen ibsaniiru.

Garaagartee jiru mariin furuun hunda injifataa kan taasiisuu fi gara siyaasa yaadaatti kan ceesisu ta’uu Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo fi Waachaamootti barsiisonnii fi qorattoonni dhimmoota Afrikaa Nigaatuu Abbabaa fi Baqqalaa Haabtaamuun Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Naannawaan Ityoophiyaatti itti argamu fedhii hedduun marfamuu isaan waldhabdeen dhiibbaa alaa waan dabaluuf tattaaffii fedhii ofii hidhannoon milkeessuuf taasiifamuuf furmaata waaraa laachuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Adeemsa marii nageenyaa eegalame bu’aa qabeessa taasiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Kana booda yaadaan injifachuu malee hidhannoon injifachuuf meeshaa waraanaa kaasuun barbaachisaa miti jedhaniiru.

Afawarqi Iyyaayuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.