Fana: At a Speed of Life!

Mul’anni biyyaalessaa meeshaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu kan dhugoomu cimanii hojjechuuni- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017(FMC) – Mul’anni biyyaalessaa meeshaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun of danda’uu kan dhugoomu kalaqa walitti fufiinsa qabuufi cimanii hojjechuun ta’uu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dorgommii “ Ogummaa Itiyoophiyaa” jedhuun dargaggoonni dandeettiifi yaada isaanii gara gochaa qabatamaatti jijjiiruu isaanii arguu kootti gammadeera jedhan.

Warreen hojii kalaqaarratti bobba’aniin jabaadhaa jechaa dargaggoonni biroonis fedhii ariifachiisaa hawaasa keenyaa akka qorataniifi furmaatawwan ittiin biyya isaanii tajaajiluu danda’an akka uuman jajjabeessa jedhan.

Hawaasa daldalaa dabalatee qaamoleen qooda fudhattootaa hundi dargaggoonni kunneeniifi kanneen biroon dandeettii oomishtummaa isaanii akka guddisaniif akka deeggaran miidiyaa hawaasummaa isaaniin waamicha dabarsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.