Fana: At a Speed of Life!

Mufariyaat Kamiil Ministira Misoomaa idila addunyaa Kaanaadaa Kaariinaa Goold waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala, 4, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil Ministira Misoomaa idila addunyaa Kaanaadaa Kaariinaa Goold waliin interneetiin mari’ataniiru.
Duula olaantummaa seeraa kabachisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee deeggarsa namoomaa lammiilee naannichaa deebisanii dhaabuuf taasiifamaa jiru irratti mari’ataniiru.
Aanaalee naannichaa 36f deeggarsi namoomaa buufataalee 92 irraa raabsamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataan lammiilee deeggarsa barbaadaniif haala qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun deeggarsa dhiyeessuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Biyyoonni lamaan hariiroo bara dheeraa qaban caalmaatti cimsuuf waliin hojjechuuf waliigaluu isaanii aadde Mufariyaat Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.