Fana: At a Speed of Life!

Muduraalee sanyii fooyya’oo babal’isuun bu’aa caalmaa galmeessisuuf xiyyeeffannoo addaan ni hojjetama – Obbo Geetuu Gammachuu

Finfinnee, Mudde 6, 2016 (FBC) – Misooma muduraalee sanyii fooyya’oo babal’isuun bu’aa caalmaa galmeessisuuf bara kana xiyyeeffannoo addaan kan hojjetamu ta’uu hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsan.

Karoora Inisheetiivota misooma muduraa milkeessuuf misooma muduraarratti ogeeyyiif leenjiimarsaa lamaan kennamu Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu magaalaa Adaamaatti jalqabsiisaniiru.

Galma barbaadame bira ga’uuf hojiin hojjetamu beekumsa guutuu ta’ee fi oggummaan deeggeramee hojjetamuu qaba jedhan Obbo Geetuun.

Bara bajaata 2016 biqiltuu miliyoona 500 misoomsuuf karoorfame milkeessuuf gaheen ogeeyyii olaanaa ta’uu Itti Aanaa hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mohaammedsaanii Amiin himuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.