Fana: At a Speed of Life!

Mormiin Ummataa Sudaanitti eegale cimee itti fufeera

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Mormiin Ummataa Sudaanitti eegale cimee itti fufuu ibsameera.
Tibbana biyyattiitti namoota qondaaltoota waraanaa mormuuf hiriira ba’an 9 ajjeeffamuu hordofee mormitoonni kumaatamaan lakkaawaman daandiiwwan Kaartum irra oolanii buluun mormii isaanii itti fufuu eerameera.
Viidiyoon qaamoleen hidhattoonni mootummaa wayita konkolaatarraa ta’uun mormitootarratti aara nama ukkaamsu dhukaasaan agarsiisu Tajaajilli Oduu AP gadi lakkifameera.
Mormitoonni kunniin yeroo ammaa iddoo namoonni miidhaman itti argaman Hospitaala Al-Jaawudaatti walitti qabamaniiru jedhame.
Mormitoonni kunniin dhaaddannoo Mootummaan diimokiraatawaan haa hundeeffamu jedhuun mormii isaanii dhageesiisaa jiru.
Mootummaan Ameerikaa fi hawaasni idil-adduunya miidha lammiilee Sudaan Mootummaan diimookiraatawaan haa hundeeffamu jechuun mormii dhiyeessan irraan miidhaa dhaqqabsise balaaleffateera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.