Fana: At a Speed of Life!

Morkiin Arsenaal PSG waliin taasisu ni eegama

Finfinnee, Fulbaana 21, 2017 (FBC)- Tapha Shaampiyoonsi Liigiin Awurooppaa marsaa 2ffaa har’a gaggeeffamuun morkiin Arsenaal Kilaba Faransaay PSG waliin taasisu hawwii olaanaan eegama.

Galgalaa sa’aatii 1:45 irraa eegalee Saalzibargi Bireesti waliin, Istaatgarti Ispaartaa Paaraah waliin ni morkatu.

Galgala sa’atii 4:00 irraa eegalee ammoo Arsenaal Isteediyamii isaatti Kilaba Faransaay PSG waliin morkiin taasisu hawwii olaanaan kan eegamudha.

Bifuma walfakkaatuun, sa’aatii 4:00 irraa eegalee Baarseloonaan, Yaangi Booyis waliin, Baayer Liiverkuusan Essimiilaan waliin, Borushiyaa Dortmandi Seeltiik waliin, Intermiilaan Red Istaar Beelgirees waliin ni taphatu.

Akkasumas PSV’n Ispoortiingi Liizban waliin, Isloovaan Biraatiislaavaa Maanchistar Siitii waliin sa’atii 4:00 irraa eegalee kan taphatan ta’uu sagantaa ba’erraa hubachuun danda’ameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.