Fana: At a Speed of Life!

Moozaambiik Buufataa Naakaalaan Malaawiitti kireessite

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC)- Moozaambiik Buufataa Naakaalaan Kaaba Biyyattiitti argamu, buufata doonii kan hinqabne Malaawwiitti kireesuuf waliigatee malleessuun gabaafame.

Waliigalteen kiraa buufatichaas Pireezidaantii Moozaambiik Filiippee Niyoosii fi gitaa isaanii Maalaawwii Laazaaruud Chaakiweeraan mallatteessaniiru.

Waliigaltichi walitti hidhamiinsa daldalaa biyyoota lameenii daran kan cimsu ta’uun ibsameera.

Kiraan kun Moozaambiif galii kan argamsiisu yoo ta’u, Maalaawwiin ammoo buufata doonii meeshaalee alarraa biyya keessa akka galfattu taasisa jedhameera.

Waliigaltichi akkuma pirojektii madda humna elektirikii Moozaambiik-Maalaawwii, pirojektoota jalqabbiirra jiran kan tumsu ta’uu Pireezidaantiin Mooxaambiik Filiippee Niyoosii ibsaniiru.

Pireezidaantiin Maalaawwii Laazaaruus Chaakiweeraa gama isaaniin, Buufanni Naakaalaa baasii meeshaalee geejjibsiisuuf biyyi isaanii baastu harkaa olaanaan kan hir’isu ta’uu dubbataniiru.

Buufanni Naakaalaa qaama misooma kooriidarii waloo Maalaawwii, Zaambiyaa fi Moozaambik yoo ta’u, buufata doonii kan hinqabnee Maalaawwii tumsuu fi walitti hidhaminsa misoomaa naannawichaa cimsuuf kan kaayyeffate ta’uun akeekameera.

Kooriidarichi daandii maayila 722 kan qabu ta’uun eeramuu The Maritime Executive gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.