Fana: At a Speed of Life!

Mootummoonni naannolee balaa sigiga lafaa Godina Goofaatti mudateen gadda itti dhagame ibsan

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)- Mootummoonni naannolee garaagaraa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaatti balaa sigiga lafaa mudateen gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Haaluma kanaan, Mootummaan Naannoo Hararii, Gaambeella, Sidaamaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa, Giddugaleessa Itiyoophiyaa, Naannoo Amaaraa, Beenishaangul Gumuz sababa balichaan lubbuu namootaa darbeef gadda itti itti dhaga’ame ibsaniiru.

Maatii lammiilee miidhaamaaf jajjabinaa hawwanii, tattaaffii lammiilee midihaman dandamachiisuuf taasifamuun mootummaa fi ummataa naannichaa cinaa kan dhaabbatan ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.