Fana: At a Speed of Life!

Mootummoonni federaalaa fi naannolee hojii lammiilee hongeen miidhaman baraaruu cimsanii itti fufu- Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Mootummoonni federaalaa fi naannolee hojii lammiilee fi beelladoota hongeen miidhaman baraaruu cimsanii kan itti fufan ta’uu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan.

Jilli obbo Dammaqaan durfamu naannoo Somaaleetti lammiilee lammiilee beelladoota isaanii waliin aanaalee 5rraa buqqa’anii godina Faafan aanaa Haaroorees qubatan daawwateera.

Lammiilee buqqa’aniif hawaasni aanichaa bishaanii fi nyaata beelladaa qaburraa kennaafii jiraatus fedhii jiruun walqabatee humnaa ol waan ta’eef mootummaan deeggarsa bishaanii fi margaa akka taasisuufiif gaafataniiru.

Hojiin mootummaa federaalaanis ta’e mootummaa naannichaan lammiilee fi beellada hongeen miidhaman baraaruuf hojjetamu cimee kan itti fufu ta’uu obbo Dammaqaan himaniiru.

Saba hongeen lubbuun namaa akka hin dabarreef hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Fuuldurattis qindoomina mootummaa federaalaa fi naannichaan dhiyeessii fi qotiinsa bishaan boollaarratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ragaan Ejensii miidiyaa naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.