Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Xaaliyaanii Itiyoophiyaaf deeggarsa maallaqaa Yuuroo Miiliyoona 25 taasise

Finfinnee, Adoolessa 24, 2016 (FBC)- Mootummaan Xaaliyaanii sagantaa misoomaa naannawaa fi Diinagdee Magariisaa Itiyoophiyaaf deeggarsa Maallaqaa Yuuroo miiliyoona 25 taasiseera.

Waliigaltee deeggarsichaas Itiyoophiyaatti Ambaasaddara Xaaliyaanii Agustiinoo Paaleesii Fi Ministirri Ministeeraa Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Mallatteessaniiru.

Deeggarsichis carraa hojii uumuu, guddina dinagdee fi galmoota misoomaa waaraa biyyattii milkeessuuf kan oolu ta’uun eeramuu ragaan embaasicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.