Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan waloo Israa’el paarlaamaa diiguun filannoo dirqamaa gaggeessuuf wixinee seeraa dhiyeessuufi jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Dureewwan mootummaa waloo Israa’eel, torban dhufu paarlamaa diiguuf yaadni dhiyeessan yoo ragga’e, filannoo dirqmaa gaggeessuuf wixineen seeraa akka dhiyaatu beeksisan.

Dureewwan kunneen murtee kanarra kan ga’an, mootummaa waloo tasgabbeesuu tattaffii hundaa erga taasisaniin booda ta’uu dubbataniiru.

Muummee Ministiraa Naataalii Beeneet fi Ministirri Dhimma Alaa Yaayer Laapiid torban dhufu wixinee seeraa paarlaamaa diigu dhiyeessuuf murteessuu isaanii ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Wixineen seeraa kun yoo ragga’e Laapiid Muummee Ministiraa eeggataa ta’anii akka filaman dubbachuu isaanii AFP fi CGTN gabaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf:

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.