Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Waliigaltee nageenyaa mallatteeffame waaraa taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015(FBC)- Mootummaan Waliigaltee nageenyaa mallatteeffame waaraa taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Dhaabbanni “Seekuriitii Istadiis” dhaabbata “Oppiin Soosaayitii Afrikaa” waliin ta’uun mata duree “Waliigaltee Walitti Bu’iinsa Dhaabuu Ce’umsa Nageenya hunda galeessa Biyyaalessaaf” jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira.

Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aa waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, waliigaltee nageenyaan booda gama qaamolee lameeniin hojiin nageenya mirkaneessuuf hojjetame jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Waliigalticha hordofee naannoo Tigraayitti tajaajiloonni bu’uuraa eegaluufi deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu eeraniiru.

Nageenyi argame waaraa akka ta’uuf komishiniin haaromsaa hundaa’uun lammiilee waraanicharratti hirmaatan gara sochii idileetti deebisuufi ce’umsi haqaa akka jiraatu taasisuun itti gaafatamummaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Waltajjiin marii kunis waliigaltee Piriitooriyaa haala ijaarsa nageenya waaraa biyyaalessaatti jijjiiruun danda’amurratti yaadota duub-deebii adda baasuun qaamolee dhimmatootaaf dhiyeessuurratti kaayyeffachuu ibsameera.

Waltajjicharratti hayyoonni biyya keessaafi alaa damicharratti qorannoo gaggeessan qorannoo isaanii kan dhiyeessan yoo ta’u, hoggantoonni olaanoon mootummaa, paartilee siyaasaa, bakka bu’oonni waldaa dhaabbilee hawaasaafi hayyoonni hirmaachuu eerameera.

Zaman Bayyanaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.