Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan waliigaltee nageenyaa hojiitti hiikuu jalqabe haala hirmaachisaa ta’een itti fufeera – TKM

Finfinnee, Mudde 8, 2015 (FBC) – Mootummaan waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa hojiitti hiikuu jalqabe haala hirmaachisaa ta’een cimsee itti fufuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan haala yeroo ilaalchisee ibsa laataniiru.

Akkaataa kalllattii Waliigaltee nageenyaan kaa’aameen hojiitti hiikuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi qooda isaanii ba’uu akka qaban gaafataniiru.

Yeroo ammaa naannoo Tigraayitti nagaan bu’uu eeruun, waaraan itti fufsiisuuf waliigaltee nageenyaa guutummaatti hojiitti hiikuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Bu’uuruma waliigalteen Mootummaan Geejjiba lafarraa fi qilleensaan deeggarsa namoomaa qaqqabsiisaa jiraachuu himaniiru.

Hanga Muddee 5, 2015 midhaan nyaataa meetirik toonin kumni 93 fi meeshaaleen nyaataan alaa tooniin kumni 8,akkasumas Boba’aan Liitirri kumni 833 naannoo Tigraay seenuu himaniiru.

Qorichaaleen meetirik tooniin 158 gama dhaabbilee deeggartootaan gara naannichaatti ergamuu fi Birriin miiliyoonni 588 hojii raawwachiisuuf ergamuu dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.