Mootummaan wabii nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira – Obbo Dhaabaa Dabalee
Finfinnee, Adooleessa 8, 2013 (FBC) – Qonnaan Bultootaa fi Horsiisee Bultoota godinaalee naannoo Oromiyaa 21f Paampiyyaan kumni 6 ol har’a magaalaa Mojootti dabarfameera.
Baatii 3 oomishuun baatii 9 ammoo taa’uun misoomni dhufuu hin danda’u jedhan.
Bishaan lafa keessaa fi irraa qabnutti fayyadamuun bonaa fi ganna oomishuun dirqama ta’a jedhan obbo Dhaabaan.
Karoora kana milkeessuuf Paamppiiwwan xixiqqaa fi gurguddoo qonnaan bultoota sadarkaan jiraniif kallattii mootummaan kaa’een raabsamaa jiraachuu himaniiru.
Guyyaa har’a Paampiiwwan kumni 6 fi 111 kennaa fi liqaan Qonnaan bulaa fi horsiisee bulaaf raabsamuu eeraniiru.
Qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni Paampii kana sirnaan gara misoomaatti jijjiirruun Badhaadhinaa sadarkaa maatii fiduuf akka hojjetan gaafatamniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa qonna ammayyeessuuf tarkaanfii bu’uuraa fudhachaa jiraachuu sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessan Kilaastera Misooma Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.
Harkatummaa Roobaa hundeerraa jijjiiruuf qonna misooma jallisiirratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu Dooktar Girmaan kaasaniiru.
Bara dhufu Jallisii boneen lafa hektaara kuma dhibba 6 fi ol irratti Qamadii oomishuuf karoorfamuu eeraniiru.
Siifan Magarsaatiin
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.