Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan vaayrasii koroonaa ittisuuf murteewwan haaraa ifoomse

Finfinnee, Bitootessa 18,2012(FBC) – Mootummaan vaayrasii koroonaa ittisuuf murteewwan haaraa ifoomse.
 
Muummeen Ministeeraa FDRI Abiy Ahimad vaayrasii koroonaa ittisuuf koree manneen hojii garaagaraarra walitti dhufan waliin haala raawwii fi tarkaanfii fudhatamaa jirirratti viidiyoo konfaransiin mari’ataniiru.
 
Hanga guyyaa har’aatti namoonni dhibichaan qabaman 16 irra ga’uun isaa ariitiin tatamsa’aa jiraachuu muul’isa kan jedhan, Muummeen Ministiraa, mootummaan federaalaa tatamsa’ina isaa ittisuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhaachuurratti argama jedhan.
 
Mariin booda tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban ijoo ifoomsaniiru.
 
1.Har’aa eegalee dhaabbilee barnootaa olaanoo dabalatee manneen barnootaa hundi torbee lamaaf cufamanii akka turan.
 
2.Imaltoonni alaa gara Ityoophiyaa dhufan Hooteeloota keessa turuuf humna hin qabne,guyyoota 15f Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee keessa akka turan.
 
3.Iddoolee gabaa fi dhaabbilee amantaa keessatti fageenya ofii eeguun sirnaan hojiirra akka oolu.
 
4.Haalli uummamu deeggarsa dabalataa kan barbaachisu yoo ta’ee argame, ogeeyyiin fayyaa soorrama ba’anii fi barnootarra jiran dirqama biyyaaleessaaf of qopheessuu akka qaban.
 
5.Dhaabbileen meeshaalee tajaajila qaban 134 iddoo hordoffii fi tursiisa yaalaa akka ta’an adda ba’uu isaanii.
 
6.Qaala’iinsa damee Faayinaasii tasgabbeessuuf Baankiin Biyyaaleessa Baankoota liqii dhiyeessaniif Birrii Biiliyoona 15 ni kenna.
 
7.Meeshaaleenii fi galteewwan ittisa weerara vaayrasii koroonaaf oolaan qaraxa malee bilisaan akka galan ni taasiifam.
 
8.Dhaabbilee meeshaalee fi galteewwan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf oolan galchan hanqinni sharafa alaa akka hin mudanneef Baankoonni dursa akka laatan ni taasifama.
 
9.Dhaabbileen tajaajila Faayinaasii tuttuqaa maallaqaa hir’suuf jecha tajaajila kaffaltii bilbilaan akka raawwatan ni taasifama.
 
10.Dhaabbileen yaa’insa maallaqaa fooyya’a akka qabaatan, Ministeerri Galiiwwanii adeemsa taaksii dabalata galii bifa addaan akka ariifachiisu ni godhama.
 
11. Sababa weerara vaayrasii koroonaan hanqinni dhiyeessii shaqaxootaa fi daballiin gatii hin mallee akka hin mudannee hojiin to’annoo fi hordoffii cimee kan itti fufu ta’uu Muummeen Ministiraa Abiya Ahimad ibsaniiru.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.