Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan uummata keessaa fi alaa waliin ta’uu dhiibbaa ga’aa jiru qolachuuf hojjechaa jira- Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Mootummaan uummata keessaa fi alaa waliin ta’uu dhiibbaa ga’aa jiru qolachuuf hojjechaa jira jedhan Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.

Ambaasaaddar Reedwaan teelevizhiinii Jaamaayikaa Tiivii Jee jedhamu waliin haala yeroo Ityoophiyaarratti turtii taasisaniiru.

Turtii isaaniitiin rakkoo yeroo ammaa Ityoophiyaa mudateef sababni ABUT jijjiirama Ityoophiyaa fudhachuu diduu ta’uu kaasaniiru.

Yaaliin humnoonni alaa dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa seenuuf taasisan qabatamaan kan argamu ta’uu ibsaniiru.

Garee shororkeessaa deeggaruun duula holola sobaa, dhiibbaa dippiloomaasii fi siyaasaa biyyoonni lixaa Ityoophiyaarran ga’an bal’inaan eeraniiru.

Dhaabbileen maqaa gargaarsa namoomaan socho’an osoo garee shororkeessaa ABUT deeggaranuu qabamuu, Tigiraayitti duguuggaan sanyii raawwate jedhanii seenessa sobaa uumuun sochii taasisuu, dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti manni maree nageenyaa Ityoophiyaa miidhuuf irra deddeebiin wixinee raawwii baasuu isaa Ambaasaaddar Reedwaan addeessaniiru.

Qaamoleen kunneen yaaliiwwan mootummaan Ityoophiyaa nageenya buusuu fi hojiilee gaggaarii hojjetu biroo akka waan hin argineetti bira darbuun yaaliin dhiibbaa uumuuf godhan ammallee kan hin dhaabbanne ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni idil addunyaa Ityoophiyaa gadhiisee akka ba’uu fi yaaliin yaa’iiwwan garaagaraa Finfinneetti gaggeeffamuuf karoorfataman biyyoota birootti akka naanneffaman taasifaman jiraachuu beeksisaniiru.

Mootummaan uummata keessaa fi alaa waliin ta’uu dhiibbaa ga’aa jiru qolachuuf hojjechaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.