Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan uummata biyyattii birmadummaafi kabaja Ityoophiyaaf sagalee isaanii dhageessisan galateeffate

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2015(FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa uummata biyyattii birmadummaafi kabaja Ityoophiyaaf sagalee isaanii dhageessisan galateeffachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beksise.

Uummanni  biyyattii dhimma biyyasaarratti eenyu waliin jaarsummaa kan hin teeny ta’uu ifatti beeksisuu tajaajilichi ibseera.

Guyyaa kaleessaafi hardhaa mata duree “ Ityoophiyaaf nan dhaabbadha, Sagaleekoo nan dhageessisa” jedhuun magaalota guutuu biyyattiitti hiriirri nagaa gaggeeffameen uummanni birmadummaafi kabaja biyyaasaarratti eenyu waliinii jaarsummaa kan hin teenye ta’uu sagalee isaa dhageessiseera jedhe.

Hiriira bahameen uummanni biyyattii biyya isaa eenyuufuu dabarsee kan hin laanne ta’uufi gidduseentummaa alaa kan hin fudhanne ta’uu ibsuu eereera.

Sagaleen uummataa kun haalaan dhagahamuu qaba jechuun, sagaleen uummanni dhageessise sagalee Ityoophiyaa ta’uu kaaseera.

Ityoophiyaan haala kamiinuu dhimma keessoo ishee keessa eenyuyyuu akka seenu kan hin barbaanneefi biyya birmadummaa qabdu ta’uu eereera.

Ityoophiyaanonni har’as akkuma kaleessaa birmadummaan biyya isaanii humna alaan akka hin tuqamneef kan dhaabbatan ta’uu mirkaneessaniiru jedheera tajaajilichi ibsasaan.

Ergaawwan birmadummaan keenya haa kabajamu, maqaa mirga namoomaan giddu seentummaan haa dhaabbatu, waraanni ergamaa haa gahufi kanneen biroo dabarsuu eeruun, haala kam keessattii Ityoophiyaaf kan dhaabbatan ta’uu mirkaneessuu isaanii ibseera.

Waraana gareen shororkeessaa ABUT biyyarratti bane hordofee ejjennoo  dogoggoraa dhaabbileen, namoonni dhuunfaafi miidiyaaleen  biyyoota lixaa tokko tokko tarkaanfachiisan uummanni guutuu biyyattii balaaleffachuu ibseera.

Faayidaafi fedhiin uummata Tigraay uummata Ityoophiyaan ala ABUTiin kabajamuu akka hin dandeenye uummanni ifatti dubbachuu ibsameera.

Qabsoo Raayyaan Ittisa Biyyaa biyyattii tokkummaa bulchiinsaafi birmadummaa biyyaaf taasisu deeggaruu addeesseera.

Mootummaa deeggaruufi garee shororkeessaa ABUT balaaleffachuun barbaachisaa akka ta’e uummanni sagalee isaan dhageessisuu ibsa tajaajilichaan kaafameera.

Fedhiin uummataa kun dhageeffatamuu akka qabu ibsuun, uummanni biyyattii fedhii isaa kan ibsateefi ibsachuuf qophii taasisaa jiru biyya keessatti qofa osoo hin taane biyyoota kanneen biroo keessattis ta’uu eereera.

Ijoolleen biyyattii magaalota Awurooppaa, Ameerikaafi Awustaraaliyaa keessa jiraatan biyyasaaniif sagalee isaanii dhageessisaa jiraachuu ibseera.

Ityoophiyaanonniifi dhalattoonni Ityoophiyaa kan dhageessisan fedhii Ityoophiyaa waan ta’eef mootummoonni biyyoota lixaa sagalicha onnee isaanii guutuun dhaggeeffachuu akka qaban yaadachiiseera.

Hiriironni kunneen uummanni biyyattii ilaalcha siyaasaan, sadarkaa diinagdeen, amantaafi sabaan osoo hin qoodamiin dhimma biyyaarratti waloon dhaabbachuu isaanii kan argisiisu ta’uu tajaajilichi eereera.

Mootummaan Ityoophiyaa mootummaa uummataan filatame waan ta’eef fedhiiwwan uummataa calaqqisiifamaniif beekamtii kan kennu ta’uu ibseera.

Mootummaan Ityoophiyaa birmadummaa biyyaarratti eenyu waliinuu jaarsummaa kan hin teenye ta’uu ibsaa kan ture yaada fedhii uummataa kanarraa maddeen ta’uu firris diinnis hubachuu akka qabu eerameera.

Mootummaan bifa kamiinuu fedhii uummataafi birmadummaa biyyaarratti eenyu waliinuu jaarsummaa akka hin teenye akkuma kaleessa ibsaa ture har’as kan mirkaneessu ta’uu ibsameera.

Uummanni biyyattii birmadummaafi kabaja biyya isaaf hiriirota uummataa gurguddaa irratti ibsuu isaaf mootummaan dinqisiifannaafi kabaja kan qabu ta’uu eeruun, gara fuuladuraattis Ityoophiyaanonni dhimmoota waloorratti tokkummaa isaanii akka argisiisan waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.