Mootummaan Sudaan gochaalee uummataafi mootummaa Ityoophiyaa miidhan hin deeggaru- Hogganaa Ejensii Odeeffannoo Sudaan
Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC)- Mootummaan Sudaan gochaalee uummataafi mootummaa Ityoophiyaa miidhan kamiinuu kan hin deeggarre ta’uu Hogganaan Ejensii Odeeffannoo Sudaan Meejer Jeneraal Mahaammad Alii Ahimad ibsan.
Meejer Jeneraal Mahaammad Aliin hoggantoota Tajaajila Nageenya Odeeffannoo waliin dhimmoota nageenyaarratti mari’ataniiru.
Meejer Jeneraal Mahaammad Aliin, walitti bu’iinsa irra deddeebiin naannawaa daangaa biyyoota lameeniitti ka’u furuuf qophii ta’uu ibsuun, Mootummaan Sudaan gochaalee uummataafi mootummaa Ityoophiyaa miidhan kamiinuu kan hin deeggarre ta’uu mirkaneessaniiru.
Hojiilee dhimmoota nageenyaa dhaabbilee odeeffannoo biyyoota lameeniin gidduutti hojjetaman irratti mari’achuun waliigalteerra gahuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.