Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Somaaliyaa daldaltoota balaa ibiddaatiin qabeenyaan jalaa barbadaa’eef deeggarsa taasise

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Mootummaan Somaaliyaa magaalaa Hargeessaatti daldaltoota balaa ibiddaatiin qabeenyaan jalaa barbadaa’eef deeggarsa doolaara Ameerikaa miiliyoona 12.7 taasiseera.

Magaalaa Hargeessaa giddugala gabaa Waaheen irratti balaa ibiddaa qaqqabeen namoota 28 irra balaa wayita qaqqabuu qabeenyi doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.5 hanga 2tti tilmaamamu barbadaa’uu CGTN gabaaseera.

Mootummaan Somaaliyaas daldaltoota balaa ibiddichaatin qabeenyaan jalaa barbadaa’ee deebisanii dhaabuuf deeggarsa doolaara miiliyoona 12.7 taasisuu itti aanaan Muummeen Ministira Somaaliyaa Kadiir Gulaaydiinin eeraniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.