Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan rakkoo kaaba biyyattii hiikuuf marii nageenyaa bakkaafi yeroo kamittuu  gaggeessuuf qophii ta’uu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Mootummaan Federaalaa rakkoo kaaba biyyattii hiikuuf marii nageenyaa bakkaafi yeroo kamittuu  gaggeessuuf qophii ta’uu ibsameera.

Gorsaan Dhimma Nageenyaa biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Ministira Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Xeemootiwoos waliin ta’uun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaa, Bakka Bu’oota Addaa Ameerikaa, Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuu Ameerikaa, Faransaay, Xaaliyaanii, Jarmaniifi Ingiliziif dhimmicha irratti ejjennoo mootummaa federaalaa ibsuu eeraniiru.

Haaluma kanaan mootummaan federaalaa rakkoo nageenyaa kaaba Ityoophiyaa hiikuuf marii nageenyaa bakkaa fi yeroo kamittiyyuu gaggeessuuf qophii ta’uufi mariachi haalduree tokko malee eegalamuu akka qabu  ibsuu addeessaniiru.

Adeemsi marii nageenyaa hooggantummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu kun qaamolee biroorraa deeggarsi loojistikii taasifamuufii akka danda’u ibsuu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.