Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Uummattoota kibbaa haaraan guyyaa boruu hundeeffama

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC)- Mootummaan Naannoo Uummattoota kibbaa guyyaa boruu mootummaa haaraa kan hundeessu ta’uu waajjirri sabquunnamtii mana maree naannoo kibbaa beeksiseera.
Naannichi guyyaa boruu magaalaa Hawaasaatti yaa’ii jalqabaa marsaa 6ffaa gaggeessuun ta’uu hooggantuun waajjirichaa aadde Almaaz Zawduu ibsaniiru.
Yaa’ichaan Af Yaa’ii fi Itt aanaa Af Yaa’ii kan filatu akkasumas muudamni Preezdaantii fi miseensota kaabinee naannichaa kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.