Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa raawwii baatii 6 gamaggaamaa jira

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC ) -Mootummaan naannoo Oromiyaa raawwii baatii 6 gamaggaamaa jira.
Guyyaa har’aa bakka hoggansi olaanaa naannoo, godinaalee fi aanaalee argamanitti magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti raawwin baatiiwwan 6 bara 2013 gamaggamamaa jira.
Gamaaggamicha haasawaan kan saaqan preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallisa Abdiisaan kaayyoon gamaaggamichaa sadarkaa raawwii baatii 6 adda baasuudhaan kallatii xiyyeeffannaa fuulduraa kaawuudha jedhan.
Haaluma kanaan gamaaggamni guyyaa har’aa irraa eegalame kanaan raawwii baatii 6 keessatti ciminootaa fi hanqinoota jiran adda baasuu, hojii kallattii maraan hojjetame ummata biratti ilaalcha akkamii uume adda bahaa jedhaniiru obbo Shimallis.
Rakkoolee, hanqinootaa fi dadhabina jiru sirriitti adda baasudhaan rakkoolee adda bahan baatiiwwan bara bajataa hafan keessatti akka furaman kallattiin xiyyeeffannaa ni taa’a jedhaniiru.
Sadarkaa naannootti hojiilee garagaraa haala adda ta’een hojjechuuf karoorri addaa bahe raawwiin isaa maal akka fakkaatus ni gamaggamama jedhaniiru.
Haaluma kanaan gabaasonni raawwii hojii dhaabaa, piroojektii, supparviizhinii fi raawwiin seektaroota naannoo hanga aanaatti jiran dhiyaatee kan gamaggamamu ta’a.
Bizu’aalam Beenyaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa .
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.