Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonna ammayyeessuun oomishaafi oomishtummaa dabaluuf hojjechaa jira jedhame
Finfinnee, Bitootessa 8, 2015 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonna ammayyeessuun oomishaafi oomishtummaa baay’inaafi qulqullinaan dabaluuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Tarsiimoon misooma baadiyyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa midhaan nyaataan of danda’uu, oomisha alaa galu biyya keessatti oomishuun bakka buusuu, al-ergii guddisuufi carraa hojii uumuu ta’uu hogganaan Biiroo Kominiikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaan ibsaniiru.
Qonna Gannaa 2014/15 lafa heektaara miiliyoona 4’6 sanyiin uwwifameerraa callaa kuntaala miliyoonni 202.9 argamuu dubbataniiru.
Kunis oomisha bara 2013/14 argame irraa 7.3% caalmaa kan qabaachuu eeraniiru.
Oomishtummaan Naannoo Oromiyaas 2.7% dabaluun Obbo Hayiluun ibsa guyyaa har’aa miidiyaaleef laataniin himaniiru.
Dabaluun gatii midhaan nyaataan walqabatee hanqina oomishaan osoo hin taanee shira diinagdee qaamota tokko tokkoon uumame ta’uu kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.