Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabeenya Tuuriizimii naannichatti argaman misoomsuun badhaadhina mirkaneesuuf xiyyeeffannaan akka hojjetu ibse

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabeenya Tuuriizimii naannichatti argaman misoomsuun badhaadhina mirkaneesuuf xiyyeeffannaan akka hojjetu ibse.
Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa qabeenya Tuuriizimii naannoo Oromiyaatti argaman misoomsuun badhaadhina mirkaneesuuf xiyyeeffannaan akka hojjetu himan.
Qabeenya Tuuriizimii naannichaa misoomsuun guddina naannichaa fi biyyaaa keessatti gahee bahuu qabu akkaataa mirkaneessuun danda’amurratti dureeyyii, hayyootaa fi artistoota hirmaachise mariin taa’ameera.
Marii kana Komiishinii Tuuriizimii Oromiyaatu qopheesse.
Marii kanarratti Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, obbo Shimallis Abdiisaa Oromiyaan qabeenya tuurizimii, aadaawwaan kan akka Sirna Gadaa fi Irreecha dabalatee kanneen birootiin badhaatus, qabeenya kanarraa bu’aan barbaadamu akka hin argamne himan.
Yeroo ammaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee kanaaf xiyyeeffannaa kennee hojjetaa akka jiru himaniiru. Komiishininii Tuuriizimii Naannichaa hundeessunis kanaaf agarsiiftuu ta’uu eerameera.
Hojiin Tuuriizimiii mootummaa qofaan galma waan hin geenyeef, dureeyyiin beektonni fi artistoonni hojii gama kanaan jiru deeggaruu akka qaban, Pirezedaant Shimallis dhaamaniiru.
Akka OBN gabaasetti mootummaan naannichaa damee kana maddaa diingdeefi guddina gochuuf akkuma Qonnaa,Albuudaa,Indaastiriifi Teeknolojiif xiyyeefannoo laatee kan hojjetu ta’uu himaniiru.
Komiishineri Komishinii Tuurizimii Oromiyaa, Aadde Lalisee Dhugaa Komiishinichi qabeenya Tuurizimii naannichaa addaan baasuufi guddisuu,beeksisuun madaa galii carraa hojii uumuu,damee diinagdeef akka olaan gochuuf hojjetaa jira jedhan.
Kanaafis Fandii/deeggarsa/barbaaduun misoomsuun gahee diingdee biyyaa keessatti qabu guddisuuf ni hojjeta jedhan.
Maree kana irraatti gahee dameen tuurizimi diingdee keessaatti bahuu danda’uu fi kanneen biroorratti waraqaan qorannoo dhiyaatee irratti mari’atameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.