Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa Oomisha qonnaan bulaatiif walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC)- Oomisha qonnaan bulaatiif walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin hojjechaa jiraachuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa beeksise.

Rakkoo walitti hidhamiinsa gabaa Qonnaan Bultoota naannoo Oromiyaa mudate hiikuuf hojjetamaa jira.

Haaluma kanaan Guyyaa Dilbataa Qonnaan Bultoonni kallattiidhaan magaalaa Finfinneetti Oomisha isaanii akka gurgurataniif bal’inaan baajatni ramadamee hojjetamaa jiraa jedhan Qindeessaan Kilaastera Horataalee Mootummaa Dooktar Girmaa Amantee.

Oomshni qonnaan bultootaas kutaa magaalaa Finfinnee filataman dabalatee Naannoo Biirolee Oromiyaa Saarbeetii fi Naannoo addabaabayii Puushkiinitti kallattiin dhihaachuun Shamattoota bira ni qaqqabaa jedhaniiru Dooktar Girmaan.

Oomishaalee dafanii manca’an kanneen akka Timaatimaa, Abukaadoo fi Paappayyaa akka hin mancaaneef Mootummaan Meeshaa Qorrisiisaa qopheessuun hojiitti seeneras jedhaniiru.

Dabalataanis qonnaan bultoonni Oomisha isaanii Gabaa biyya alaatiif akka dhiheeffataniif hojiin eegalame jira kunis jabaatee itti fufas jedhaniiru Dooktar Girmaan.

Carraa kanatti gargaaramuun jiraattonni magaalaa Finfinneefi Naannawaa ishee Guyyaa Dilbataa dhihaachuun kallattiidhaan Qonnaan bulaarraa oomisha gaarii gatii madaalawaan akka bitataniif waamichi dhihaateera.

Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.