Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa Naannoo Sidaamaatiif deeggarsa meeshaalee ammayya’aa galmeessa ragaalee bu’uuraaf oolan taasise

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa Naannoo Sidaamaatiif deeggarsa meeshaalee ammayya’aa galmeessa ragaalee bu’uuraaf oolan taasisuu ibsame.

Naannoon Oromiyaa sirna galmeessaa ragaa siviilii gara dijitaalaatti jijjiiruun hojjachaa jiraachuu fi  siistemni galmeessa ragaa siviilii magaalota 19 keessatti hojiirra ooluu ibsameera.

Meeshaalee teknoloojii galmeessa ragaa siivilii ammayyaa’e hojiirra oolaa jiru sarvarii, iskaanaraa fi siistema misoome mootummaan naannichaa baasii olaanaadhaan bulchiinsa naannoo Sidaamaatiif deeggarsa taasiseera.

Daayrektarri Olaanaa Ejensii Galmeessa Siviilii Oromiyaa Obbo Abdallaa Oggatee haasawaa taasisaniin, Mootummaan naannoo Oromiyaa naannoo sidaamaaf deeggarsa taasisuun hariiroo obbolummaa cimsuun cinatti muuxannoo hojii wal jijjiiruu fi tajaajila hawaasaaf kennamu saffisiisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Mootummaa naannoo sidaamaa bakka bu’uun deeggarsicha kan fuudhan Obbo Abrahaam Baraaroo, gamasaaniin deeggarsa mootummaan naannoo Oromiyaa taasiseef galateeffachuun naannoon Oromiyaa itti fayyadama teeknolojii nuuf taasisuun fakkeenyummaa guddaadha jechuun, Obbolummaan Sidaamaa fi Oromoo daran cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.